Getting your Trinity Audio player ready... |
akka dhuunfaatti burjaaja’uun, Wan takka Nagaa Dahoo Godhatani Seexana Bulgu Waliin Shubbisuun Uumaata burjaajeesun Wan yakaa
Adoolessa 5, 2021, Eliza Mackintosh, Senior Producer at CNN Digital International, barruu mata duree “From Nobel laureate to global pariah: How the World got Abiy Ahmed and Ethiopia So Wrong.” Badhaasa Noobeelii irraa gara hanga pariah (Nama hawaasa addunyaa biratti tuffatamu, namuumman mulqame, safuu kan hinqanee, sobduu) :Akkamitti Addunyaan Abiy Ahmed fi Ethiopia Akkasitti Dogoggore jedhu jalatti hogganaa gareewwan yakkamtootaa, jiraatan moggaasuu fi salphisuun maxxansite.
Barreeffamni kun kan maxxanfame erga uumata Tigree irratti maqaa “Juunta-TPLF,-barbaddesuu gooftota isaa” lola geggeesse ummata Tigraay iirratii yakka waraanaa sukaannsa raawwatee booda.
Abiy Ahmed tuuta kan sirna faashistii TPLF- kan haguugame EPRDF jalatti yakka waraanaa duguuggaa sanyii waggaa 28 guutu raawwatee tii.
Kan Qabsoo Saba Oromoo guddichaa, wareegama Qeeroo (dhiiraa fi dubartii), kumaatamaan dhiigni dhangala’e, mana hidhaatti uguuramee, ajjeefame, dararamee, gudeedamee, qaama hir’ateen kan gara Maqaletti Ebla 2018 baqatan godhe dha.
Ebla 2018 keessa baandaan yakkamtoota dhiiga Oromoo irratti dhangala’eef itti gaafatamummaa fudhate Osloo osoo hin taane Mana murtii yakkaa idil-addunyaa, (ICC),The Hague seeratti dhiyaachuu qaban ture. Tuuni affte haaja -dhidduu, koreen Asoosama Noorweey Onkoloolessa 11 “Badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara 2019“ gara Oslootti affeeramee akka badhaafamu murteessee.
Gochi badhaasa Noobeelii “Nageenyaa, Nagaa buusuu” dahoo godhachuun soba addunyaa guutuutti daldale. kun yaada nagaa seenaa keessatti arrabsa; seenaa dhala namaa keessatti waan hin baramne, taatee kanaan dura hin argamne. Gochii kunii hambaa Noobeelii fi hiika nagaa salphina.
Abiy Ahmed kan sobaan ilkaan buqqifate, kan siilga haadhatin fudhate, (Innate pathological liar) kan safuu, laguu fi naamusa hin beekne, kan gorsa hindhaggeeffatinee.
Kan nama dhibu jeequmsa boolla siyaasaa impaayera du’aa jiru keessatti baandaan yakkamtoota soba gurgure sheekkoo „Nagaa jaalallee“ soba gurgure aangoo duuban yaaphaatee. Ji’oota muraasa keessatti guutummaa impaayera sanaa keessatti yakka waraanaa duguuggaa sanyii raawwate.
Yakka inni fi geengoonni isaa walitti hidhaman kallattiinis ta’e al-kallattiin Finfinnee lafa gadameessa Saba Oromoo Guddicha irraa kaasee hanga kallattii koompaasii sadanuutti, gara bahaa, dhihaa, fi kibbaa hanga biyyoota ollaatti raawwatan waggoota kurnaniif dhimma ta’ee beeka.
Maaster pilaanii Finfinnee ittii fuufte , Saamicha Lafaa Ekspooneenshiyaalii fi kkf, kan faashistiin karoorfamee fi raawwate, yakka duguuggaa sanyii dhala namaa irratti raawwatamu callise. Namaa dhabamsiisuu, buqqisuu, Hidhuu, ajjeechaa jumlaa loogii malee raawwachuu, ajjeechaa, tarreewwan daangaa hin qabne.
Bulchiinsa isaa jalatti impaayerri kun gara boolla si’oolii waraanaan kan miidhame, yakkaan kan guutame, beelaan kan miidhame yoo ta’u, ummata cunqurfamte daangaa impaayera koloneeffataa qubsiistotaa Abisiiniyaa, kan baay’inni ummataa miliyoona 130 ol ta’e keessatti hidhame.
Irbaataa Ibidda Ta’uu fi Buulguu Marsaa Shubbisuu
Qabssoon Uumata (nonviolent struggle) kan Birraa Arabaan beekamtuu mootummoonni abbaa irree hidda gadi fageeffatan kuffisuun, mootummoota ce’umsaa haguuggii godhachuun, humna waraanaa Qabsoo ummataa butee aangoo yaaphate. Kunis abdii bilisummaa waaraa uumata cabseera. Bulchiinsa abbaa irree duubatti deebi’ee.
Qabsoo ummataa Araboota kan birraa fi galmiin xumuraa isaa Qabsoo Xumuuraa Garbuummaa) (QXG) ummata Oromoo kan dhaloonni Alfaa, Qeerroon (dhiiraa fi dubartii) kann bara 2018 sirna faashistii TPLF-EPRDF kuffise wal fakkaataa ture. Garuu kaayyoon qabsoowwanii adda ture.
Kaayyoon, sababani Qabsoo ummataa Oromoo fi ummanni Impaayera Absiniyaa keessatti hidhaman harki caalu caasaa koloneeffataa qubaatota (settler colonial structure of Abyssinain Empirre ) Abashaa ka maqaa sobaa fi hatamaa “Itoophiyaa” jedhuun hanga har’aatti daldalaa turte hundeen buqqisuu dha.
Abiy Ahmed: A Mythomaniac, Sadist and Assasin (Yaadaa maaratuuma, Nama miidhuun gamadu, Ajjeestu).
Qabsoo Xumuuraa Garbuummaa baandaan yakkama Abiy Ahmed kan bakki isaa kan sirrii mana hidhaa kan ture injifannoo ololaa, kaameeraa fuulduratti kakachuu jalqabe “Jaalallee Nagaa, fi Bulchiisaa Nagaa” soba daldaluun anngoo yapahtee. Qabsoo Xumuuraa Garbuummaa Oromoo bute.
Abiyyiif aangoo jechuun siyaasa Necro-politics (Hojii Ajjesuu) imaammata jireenya guutuu aangootti maxxanuudhaaf mala filatee marxeefateee itti boba‘ee. Malaammaltummaa, sooba, qaama hir’isuu, loogii malee ajjeechaa fi hidha jumlaan, akka Sardiin mooraa mana hidhaa kessati hammacuu kan hal-jiruu godhatee sooqolat itti boa’ee.
Artisti keenya jaallatamaa Haacaaluu Undeesa gaafa 29 June 2020 ajjeesee, Muddee 1 bara 2021 galgala Abboottii Gadaa Kaarayaa 14 duguugee. Ebla 10 bara 2024, Bate Urgessa ajjeesee, kun fakkeenya qofa dhafi maleea uumatni kenyaa kan ajjeesee kitilaan lakaayamu. Oromiyaan waggoota jahan darbaniif dire waraanaa keessa jirti.
Impaayerri maashinoota waraanaa ammayyaa (qawwee liqiidhaan), duuguuga sanyii amaa, sobaa irratii hundefamte, beekutii guyyoota awwaalcha ishee gara gadiitti lakkaa’aa bubultii.