Loltuu qeeruuma irra Boojiama Waaraanna, kan Irraa yakkamaa Waraana

Narsiizimii hama (Malignant narcissism) Dhibee dhuunfaa:
• Gatii Kamiinuu Aangoo Hawwu fi itti rara’uu
• Yakaa raawatanifii gonkumaa gaabbii hin argisiisan
• Garmalee Ani Nama huunda oo’li tii amanuu
• Haguuggii olola garmalee oftuulama kana duuba wana gatii ofii isaaniifuu mirkanaa’aa waan hin taanee beekuf, qeeqa xiqqoollee salphaatti ni mufatu
• murtte taate suukanessa nama ykn garee qeeqe irratii fudhatuu (ni hidhu, ni ajeeessu, ni dararu, ni gudeeda, namummaa namaa dhabsiisa, kkf.)
• Xiyyeeffannoo garmalee fi namoonni akka mallee isaan dinqisiifatan barbaadu
• Dinqisiifannaa isaaniif malu jedhanii amanan yoo hin kennamneef gammachuu dhabuu ni mufatuu
• Haloo ba’uu gonkuumaa hin irraafatan
• Miidha fi gada namoota biroo iraan ga’aan fii (miira, hubaanoo, namuuma, dhaagatii ykn dhimma gonkuma hinqaban, wan faala Itti gammaduu
• Itti gaafatamummaa gonkumaa hin fudhatan
• Namoonni hin abdanee naannoo isaanii jiraachuun isaanii isaan hin gammachiisu
• Hiriyyoota dhihoo hin qaban
Saadizimii
• Amala gara jabeessa: hariiroo tokko keessatti olaantummaa uumuuf jecha gara jabummaa qaamaa ykn jeequmsa itti fayyadamu
• Bakka namoonni jiranitti nama salphisua ykn xiqqeessu itti gammaduu
• Nama to’annaa isaa jala jiru haala gara jabinaan ilaaluu, haala dhoosqa hin baratamneen adabuu
• Namoota biroo sodaachisuun ykn shororkeessummaan waan barbaade akka hojjetan taasisu.
• Gidiraa, Jeequmsa, raasassan ykn sootlan nama ajjesuun, Qaamaa nama miidhuu fi dararuun ni mirqaanu, ni bashannanu, itti gammadu.
• Namoota kaan toʼachuu fi of jala oolchuun imaamata adda adaa tolfatuu. Toofta salphaa haala mijeessuu (Simple Psychology of Pavlovian conditioning) fayyadamuu.
Paaraanoya (Paranoia)
• Shakkii, wal amantaa dhabuu, itti gaafatamummaa rakkoolee muudatan namoota biroof maddan, itti gaafatamummaa keenuu
————————————————————————————-
Fakkeenyi Abbaa Irree (Diktatatoraa), amala dhuunfaa kan tarreewwan sakatta’iinsa lakkaa’aman guutan kan hogganaa baandaa yeroo kanaa Abiy Ahmed Alii caalu jiraachuu hin danda’u.
Bu’uura Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa (UDHR) sanada milkaa’ina guddaa seenaa mirga namoomaa keessatti qabu.sanada milkii ta’ee fi Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Paaris keessatti Mudde 10 bara 1948 labsame (murtoo Yaa’ii Waliigalaa 217 A) akka ulaagaa walootti kan bu’aa ba’ii ummatoota hundaafi saboota hundaaf galmaa’e akka seensa isaatti:
Ulfina uumamaan jiruu fi mirga wal qixaa fi hin mulqamne miseensota maatii dhala namaa hundaaf beekamtii kennuun bu’uura bilisummaa, haqaa fi nagaa addunyaa kanaati. Mirga dhala namaa tuffachuu fi tuffii gochuun gocha barbarummaa qalbii dhala namaa aarse, akkasumas addunyaa ilmi namaa bilisummaa dubbii fi amantaa fi sodaa irraa bilisa ta’ee itti gammadu akka dhufu taasiseera.
Kan nama dhibu waadan kun yeroo muraasa qofa hojiirra ooleera. Sababa dadhabina kanaan kan ka’e Abiy booji’aman waraanaa umurii guutuu tajaajilaa amanamaa faashistoota TPLF kan waggaa 28 yakka waraanaa duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti raawwatan qabsooa saba Oromoo guddicha bara 2018 isaa kuffise.
Abiy Ahmad kan harki isaa dhiiga ummata Oromootiin dibame wan faallaa basaasaa bulchiinsa faashistii TPLF Wareegama goototan Oromoo lubbuu isaaniitiin kaffalanii butuun, Abiy gantummaa fi shiraa xaaxun aangoo qaabate.
Harki caalaan hawaasni, aangoo boolla siyaasaa impaayera koloneeffataa Abisiiniyaa deega dakoo duubatti haftuu tan kessati uugramee Abiy Ahmed tasumaa, dhageenyee hin beeku ture Aangoo duuban korun hafe
Hajaa dhibduu, Yaakaman hanga yaaphatee
Eerga qabsoon bara 2018 faashistoota Wayyaanee aangoorraa buuse, gariin isaanii gara bakka dhaloota isaanii Tigray bara kurnan sadii booda balali’an. Gariin kan fi, booji’amtoonni waraanaa (BW) isaanii faana dhufan Finfinneettii hafan.
BW kunii uumata Mengistuun uumata kibba keesaa guuree loola Kaaba Tigraayii fii Eertiraatti eergee kan maaqan PDO jeduu maqa sabaa itti maxaanfamee kan 80 olitti moggaafamaii baraa 1991 Finfiinnee qabaatan. Isaan keessaa gareewwan OPDO, maqaa Oromoon dhahaman harka caalu ta’aniiru Finfinnee keessatti hafan, bofti Abiy jedhamu issan keessaa tokkoo.
Yakkaaman Yakkan Aangoo bute !
Diraamaan bara 2018 fi 2019 yakkamtoota baraa 30ma aka maalakaa abdiin jijjiirama qabsoo bilisummaa saba Oromoo hattee. Taattee wan hunda caalaa Uummta Oroomo garreen yaakamtotaa abdataan harka duwwaa walin shubbisaan.
Impaayera Nafxanyaa, deega, dakoo kan qawwee, faayinaansii, gorsaa fi deeggarsa siyaasaatiin kalaqamte, daangaan saraaramtee , hirkatuu hanga har’aatti kunuunfamet.
Impaayera kolonee Nafxanyaa ffuu jiruu maxxanne bifaa viirass (Viral modus operand) hundeessatee yoo xiqqaate jaarraa lamaa oliif jirraate. Impaayera Maxxannee saamtuu, duubatti haftu eerga suuphamtee Uummata cunqurfamoo kan kitiila (miliyoona) 130tti lakkaa’amaniitti uuguramme jira.
Uummata, tuuta bitta abbootii irree nafxaanyaan fuuri fuuriin walgeedartuu kan qawween aangoo yaaphaatu, abdatuu, tiskittu malee hanga guyyaa sanaatti homaa hamma hin beeku.
Eerga Impaayera Nafxaanyaa Haabaasha suuphamtee yoo xiqqaate walakkaan ummataa kan manneen hidhaa barbarummaa daaraaramuu, kan ajjesamuu, kan Dachi issaa irra buuqa’uu hanga har’aatti Oromoo Dha. Ba´aa guuddaa Impaayeeraa tortoortuu maaxxaanee kan kara huundan batuu Oromoo, saba Afrikaa guddaa fi Oromiyaa baadhatuu dha.
Eega Tuutin maqaa OPDOn kan Ayyaani waraa abaaree waggaa 28 bulchiinsa faashisttii TPLF-EPRDF tajaajila baateeBofa gogaa dulloomaa muuxaatee summii haaromsee tee fal’fallii “qabsa’aa, saboona, nuii ijoole Oroomotii “ofin jedhaan.
Tuuta qabsooa saba Oromoo guddicha xuurreeestee. Amala gooftoolin issaan TPLF barssisan, lenjisan kan waraanaa duguuggaa sanyii Oromoo, hidhaa jumlaa, loogii malee ajjeesuua, ajjeechaa xiyyeeffannoo, ukkaamsuu, Oromiyaa guurgartii marxeefattee raawwachaa baatee itti fuftee
Issan keessa kan maaqa hika hinqabnee Abaan “Medemer” kan jedhuu ofti dhobdee Abiy Ahmed Ali, kan halkaan tookon U-turn godhaeei, sobaa Biyya fi Ambaa keessati daldaluuti boobaate. Doolaaraa fi Yuuroo, baay’ina of degaars uummataa diaspora biyya Ameerikaa fi Awurooppaatii immaltee.
Bara 2019, hajaa dhibduu Aduunya tuni illee nimartee, badhaasa Naga’aa kan maqaa Alfred Nobelwaamamu Osloti waamte itti kannitii. Antutin Arba taatee, buulgun maalakka, abaa Naga’aa taee. Warii Norway maaqa safuuf, laguu, fi hiika Naga’aa, maqaa Alfred Nobel xuurreesite.
Taana hudatii milkaa’ee gara manaatti, Finfinneeti deebi’ee. Aaangoos maqaa guurmu mootuma ceeyuumsa jettun yaaphaate.Taana bodaa waarana gooftoli issa kan oga 28 TPLF baalessu uumata Tigraay irataa banee Taate suukuneesa yaakaa waaran rawawatee. Sabaaa kanaff Abiy Ahimad gorsaa nageenyaa UN keessatti yakkamaa waraanaa ta’uun galmaa’ee jira.
Goolaba
Abiy Ahmed faashistii duubatti deebi’aa (retro-fascist), kan sirna Nafxanya-gabar Impaayera deega, dakoo kan jiruu bifaa viirass (Viral modus operand) hundeessitee, ba’aa namoota cunqurfamoo amma tilmaamaan miliyoona 130tti lakkaa’amaniitti uuguramme deebisufii soqoolatee itti boba’ee jiru.
Kaayyoo isaa galmaan ga’uuf imaammata Necropolitics (poolotika/siyaasa ajjessu) fayyadama jeeru. Impaayera Nafxaaynaa deega dakko tana kan gara jaarraa 19tti deebisuuf abjootu dha. Oromiya nafxanyaa tii gurguree fi marxeefate itti bodba’ee jira.
Bakki haqaa kan Abiy Ahmed maluu Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Netherlands keessatti argamu Hague bara 2018 ta’uu turee, gonkoumma Finfinne hinturree.Eergasii hanga sa’aatii kanatti, gara abbaa irree ol’aanaatti (Super dictator) jijjirame.
Waraanaa duguuggaa sanyii Oromoo, Qabsoo bilisummaa ummata Oromoo guddicha hidhaa jumlaa, loogii malee ajjeesuua, ajjeechaa xiyyeeffannoo, ukkaamsaa Oromiyaa guurgartii marxeefattee galma ijoo isaa godhate raawwachuu hanga sa’aatti itti fufee.
Tarkaanfii Muurtee
Abbaan irree (diiktaatoori) hubatan keessatu keessattuu hirkataan ykn Maxxannee afaani rasaasa qofa dha, kan hafe, kan akka Naga’aa, arraara kkf. hundii Olola, soba daldaluuf´dhaa. Yeroo fi lubbuu dhabiina uummata gabroomee, rooroo, hidhaa, dachi irra buuqa‘uu ummata koloneeffame dheeressuuf qofa dha.
Naga’aa, arraara kkf, koolooneefame tii.gabrummaa, du’a, ukkaamsuu, Sammuu diiktaatoori keessattuu maxxannee Nafxanyaa keessa nagaa jechuun fedhii isaaniif guutummaatti bitamuu jechuudha (Peace=Total Submission to thier Wishes).
Arga-dhaggettin (seenaan) aka nu barsiisutti Impaayera Kan Eekeera uumata kolooneefam irrate ijarate, ba‘aa tatee gafaa walitii suphaamtuu du‘a ofii beektii.deega, dakoo maxxannee kan qawwee, faanyinaanssi, afoola, deeggarsa biyya alaa argatten jiruu bifaa viirass (Viral modus operand) tolfate. Eekeera uumata kolooneefam irrate ijaramte, ba‘aa tatee gafaa walitii suphaamtuu du‘a ofii beektii. Afaan tokkicha qofa beektii, kunis yerroo rasaasni matta issaani dhostte qofadha. Duubiin dhuugaawwani kaanuma.
of sobuun wan takkaa
uummaata sobuun wan yakaa